Warri miseensa jama’aa Ahbaash ta’an “Nuti Aqiidaa Tawhiidaa kan Wahaabiin balleessite sirreessuuf jecha qabsoofna” yaada jedhu irra dadeebi’anii dubbatan. Hordoftoota Mazhaba Imaamu-Shaafi’ii akka ta’anis nihimatan. Garuu Muslimootni kanaan sobamuu hinqaban.
Jam’aan Ahbaash “Aqiidaa” balleessuu malee “Aqiidaa” tolchuuf hindeeman. Fedhiin isaanii yadaa “Shirkii” fi “Rabbii Dhablumma” (pagan) hawaasa Islaamaa keessatti babal’isuudha. Fakeenyaaf Ahbaashoonni yaadota dadhabaa biyya teenya keessa turan kan asii gaditti tuqaman kana ifatti deeggaran.
• Awliyaa afurtamii afur yoo yaamtan isiniif dirmatan.
• Yeroo beelaa fi dhukkubni hamaan ganda keessan seene Qubbii Awliyaa dhaqxanii itti maganfachuu qabdan.
• Namni “Hajjii” dhaquu dadhabe yoo dirree Sheek Husseen Balee Ziyaaree Hajjiin isaa irraa guumtamti
• Awliyoota guyyaa itti dhalatan keessati yaammadha. Fakeenyaf Kibxataa (Tuesday) Sheekanaa Husseen Baalee, guyyaa Harbaa (Wednesday)Sheek Abdulqaadir Jeylaani, guyyaa Kamisaa Sheek Abaadir yaamadaha.
Namootni dadhabaan bayyeen yaada amantii addaa addaaraa burqan kana odeessaa akka turan nibeekkama. Garuu jama’aan Ahbaash yaadoota hamaa kana adeemsiisaa jira. “Namni yaada kana morme hundinuu Kaafira” jedha. Fedhiin isaanii guddaanis yaadootni baaxil (haqa-malee) ta’an kun Islaamummaa keessatti fudhatama akka argatan qabsaawuudha. Kan isaan “Wahaabii” jedhanii halkanii fi guyyaa abaaranis namootuma yaada fokkotaa kana isaanirraa fudhachuu dide.
Nuti awliyaa Rabbii nijaalanna. Isaan jaalachuun dirqama keenya. Keessaafuu qabsoo isaan amantaa Islaamaa barsiisuuf godhan hin iraanfannu. Rabbii Isaaniraa haajalatu. Nutillee akka isaantii karaa sirrii ta’e nu haaqajeelchu jennee isa kadhanna. Garuu awliyaa jaalanna jechuudaan “Shirkii” keessa hinseennu. Rabii nama “shirkii” hojjatuuf dhiifama hingodhu.
Yaa ummata Islaamaa! Imaamu Shafi’iin “shirkii” ni balaaleffata malee hindeeggaru. Mazhabni Shaafi’ii qabrii Rabbi malee waan biraa akka hin yaamne nama barsiisa. “Ahbaash” garuu maqaa Imam Shafi’ii sobaan himata. Immamootni “Fiqihii” barsiisan kn Akka Imaam Abu Haniifaa, Imaam Maalik, Imaam Shaafi’ii, Imaam Ahmad kkf gabroota Rabbii kan “Sunnaa” nabi Muhammad (s.a.w) sirritti hordofan ta’uu isaanii hayyotni bayyeen raga bahanii jiru. Nuti Imaamota “Fiqihii” wajiin lola hinqabnu. garuu miseensootni Ahbaash sobaan maqaa Imaam Shafi’ii himachaai “Shirkii” fi “bi’daa” babal’isuu isaani irraa hinqeeballu.
Obboleewwan koo!! “Wahaabii” amantiin jedhamu hinjiru. Islaamumma kessati mazhabni “Wahaabii” jedhamus hinjiru. Amantii Islaama tokkicha malee lama hinjiru. Maqaa kana waarii irra dadeebi’anii dhawan warra amantii Isaalmaa balleessuu barbaadu. Kanaafu yeroo amma jama’aan Ahbaash “Wahaabii ni dhabamsiifna” jedhee olola biyya teenya keessati oofaa jiruu kanaan akka hinsobamne dhaamsa kiyya isinitti himadha.
Galatni Rabbiif Haata’u. Nagayaafi Rahmatni Rabbii ergamaa isaa Nabi Muhaammad (s.a.w) irrati haa bu’u. WS A W WB
No comments:
Post a Comment